Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Namoonni dhuunfaan garee shororkeessaa ABUT deeggaruun shakkaman 323 to’atamuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Magaalee Finfinneetti namoonni dhuunfaan gochaa qabatamaan garee shororkeessaa ABUT deeggaruun shakkaman 323 to’atamuun qoratamaa jiraachuu komishinich ifoomseera,
Namoonni kunneen garicha deeggaruu, meeshaalee waraanaa seeran qabatamanii argamuu, heera mootummaa xureessuu, Alaabaa biyyattii salphisuu, baala sammuu adoochu xuuxuu fi yakkoota biroo raawwachuun argamuu Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaawu ibsaniiru.
Dhaabbileen daldalaa shakkamtoota kanneen waliin hidhata qabaachuun shakkaman saamsamuun qoratamaa jiraachuus kaasaniiru.
Namoonni dhuunfaan kunneen qabatamaan yakka raawwatanii argamuun to’atamuu isaanii komishinar Geetuun ibsaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti,shakkamtoonni kunneen dhalattoota naannoo Tigraay qofa osoo hin taane miseensonni saba biroos keessatti kan argaman ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.