Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) –Magaalaa Hawaasatti namoonni dhuunfaan Buddeena Xaafii wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin makuun gabaaf dhiyeessaa turan 84 to’atamuu Qajeelchi Poolisii magaalichaa beeksise.
Sakattoo kutaalee magaalaa Taaboor, Tuulaanaa fi Daatootti manneen 30 keessatti taasifameen Bukoon tolfamuuf turee fi Daakuun wantoota farra fayyaa ta’an waliin makaman to’atamuu Itti Gaafatamaan Qajeelchichaa Koomaandar Malkaamuu Ayyaleen ibsaniiru.
Samuudaawwan qorannoof ergaman 7 keessa 5 fayyaa namaarratti miidhaa hamaa akka qaqqabsiisu mirkanaa’uu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa To’annoo fi Eegumsa galteewwan Tajaajila Fayyaa Naannichaa Buriisoo Buulaashoon himaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa