Namoonni dhuunfaan amantaa dawoo godhachuun badii raawwachuuf socho’aa turan 145 to’ataman

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) –Namoonni walitti bu’iinsa Goondaritti uumame bu’uura godhachuun badii raawwachuuf socho’aa turan 145 to’atamuu bulchiinsi magaalaa Adaamaa beeksiise.

Magaalaa Adaamaatti haala waqtaa biyyaalesaa ilaalchisee dargaggoota waliin mariin gaggeeffameera.

Fedhii siyaasaa dhuunfaa isaanii galmaan ga’uuf amantaa daheeffachuun shira qaamoleen dhuunfaa xaxaa turan fashaleesduu keessatti qoodni dargaggootaa olaanaa ta’uu Kaantibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen ibsaniiru.

Taatee Goondaritti uumamee ture gara Adaamaatti fiduuf tattaaffii hedduun taasiifamaa turuu kaasaniiru.

Dhimmicha ilaalchisee abbootii amantaa dhaabbilee amantaa hundaa waliin mariin taasiifamuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment