Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaa waraqaa eenyummaa sobaa maxxansaa turan harkaa harkatti to’atamuu ibsame.
Namoonni waraqaa eenyummaa sobaa baay’isaa fi hojjechiisaa turan 7 to’atamuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Shakkamtoonni kunneen Piyaasaa gurgurtaa meeshaalee barreeffamaa Roobeel jedhamu keessatti waraqaa eenyummaa sobaa maxansiisaa osoo jiranii to’atamuu eerameera.
Shakkamtoonni kunneen waraqaa eenyummaa tokko maxxansuuf Birrii kuma 10 kan fudhatan ta’uu beekameera.
Shakkamtoota kanneen waliin chaappaawwan sobaa maqaa Ministeera Haqaa, Baankii Daldala Ityoophiyaa Damee Araadaa Giyoorgis, Naannoo Kibbaatti Biiroo Haqaa fi Nageenyaa godina Hadiyyaa, Ejensii Mirkaneessaa fi Galmeessaa Ragaalee fi dhaabbilee biroon qophaa’aan qabamuu eerameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.