Namoonni dhuunfaa Doolaara Ameerikaa sobaa sharafaa turan to’ataman

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Namoonni dhuunfaa Doolaara Ameerikaa sobaa sharafaa turan 3  to’atamuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Shakkamtoonni kunneen guyyaa kaleessaa kutaa bulchiinsa magaala Lidataa aanaa 9 bakka addaa Dii Afriik Hoteel jedhamutti to’atamuu ibsameera.

Eeruu uummata irraa isa qaqqabeen qajeelchi poolisii kutaa magaalichaa hordoffii taasiseen shakkamtoota Doolaara sobaa Birriitti sharafuuf socho’aa turan to’achuu eerameera.

Shakkamtoonni kunneen Doolaara Ameerikaa abba dhibbaa Birrii 62tti osoo sharafanii harkaaf harkatti to’achuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Shakkamtoota kanneen harkatti Doolaara Ameerikaa sobaa abbaa dhibbaa 97 fi waraqaaleen doolaaraan qixxeeffamanii mummuraman to’atamuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Yakkoonni akka kanaa akka hin raawwatamneef hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa taasisuun cinaatti qaamolee nageenyaaf deeggarsa kennuu cimsee akka itti fufu poolisiin magaalichaa gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment