Namoonni dhuunfa garee shororkeessaa ABUT hojii shiraaf Finfinnee fi naannawaasheetti bobbaasee to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC)- Namoonni dhuunfa garee shororkeessaa ABUT hojii shiraaf Finfinnee fi naannawaasheetti bobbaasee to’annaa jala ooluu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

Garichi namoota dhuunfa magaaloota keessaatti hawaasa fakkachuun akka seenaan taasisuun magaalaa Finfinnee fi naannawaasheetti ergama laateefii hojii shiraaf akka socho’aan taasisuusaa akka bira ga’aamee itti aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Malaakuu Faantaa ibsaniiru.

Namoota dhuunfa to’annaa jala oolanii fi rasaasonni hedduu fi meeshaaleen waraanaa kanneen biroon akkasuma maallaqoonni biyyaa keessaa fi alaa to’annaa jala ooluu hubachisaaniiru.

Waraaqaa eenyummaa sobaa qopheessuuf kan oolaan chaappaa fi meeshalee biroon to’annaa jala ooleera jedhame.

Hawaasni qaamolee gocha badii raawwachuuf socho’aan jedhanii shakkaan qaamolee nageenyaa eeruu akka laatan Komishinaar Malaakuun gaafataniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

Comments (0)
Add Comment