Namoonni dhorkama labsii yeroo ariifachiisaa darban kumni 5 ol adabbii hidhaa fi mallaaqa adabaman

Finfinnee, Caamsaa 16, 2012 (FBC) – Godinalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Gojjaam bahaatti namoonni weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo ariifachisaa darba kumni 5 ol adabbii hidhaa fi mallaaqa adabamaniiru.

Koree kominikeeshinii fi miseensa miidiyaa godina Gojjaam bahaa komaandar Raaheel Abrahaam, bulchisonni magaaloota fi aanaalee godinicha hojii dhorkama labsii yeroo ariifachiisaa kabachisuuf to’annoon taasifama tureera jedhan.

Eeruu hawaasa bu’ureffachuun to’annoo gaggeeffameen namoonni kumni 2 ol ta’an dhorkicha darbuun walitti qabamuun cidha, sirnoota hawaasumma garaagaraa osoo gaggeessani to’annoo jala olaaniiru.

Dabalataniis konkolaachiftoonni kumni 3 ol ammoo dandeetti fe’uu isaanii walakkaan akka hir’isaniif seeraa ka’amee cabsuun to’atamuu komaandar Raahel dubbataniiru.

Nammoonni kunneen tokkon tokkoon isaanii Birrii kuma 3 hanga kuma 5 fi hidha baatii 6n akka adabaman muurta’eera.

Haaluma walfakkatuun godina Horroo Guduruu Wallagaa magaalaa Shaambuutti namoonni 24 dhorkamicha darban mallaaqan akka adabaman irratti murtaa’uu aanichatti koreen vaayrasichaa ittisuuf hunda’ee ibseera.

Miseensa korichaa kan ta’an obbo Magarsaa Waaqoo, magaalichatti namoonni heddumminaan iddoo tokkootti walitti qabamuun osoo kaartaa taphatanii fi jimaa qama’anii qamoolee nageenyaan to’atamuu dubbataniiru.

Kanafiis tokkon tokkoon isaanii adabbii Birrii kuma 1 hanga 1500 akka adabaman muurta’eera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment