Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni dhorkama labsii yeroo ariifachiisaa darban kumni 2 fi 800 to’annoo jala ooluu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Koomishinichi qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa kabachiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Naannoo tajaajila geejjibaa, gabaa fi iddoolee tajaajjilli hawaasa itti heddumatu hundaatti too’annoo fi hordoffii cimaa taasisaa jiraachuu ibseera.
Guyyaa kaleessaa kutaa bulchiinsa magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Liddataa, Boolee, Nifaas Siilk Laaftoo, Qiirqoosii fi Kolfee Qaraaniyootti too’annoo fi hordoffii taasifameen namoota dhorkama labsii yeroo ariifachiisaa darbanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.
Haaluma kanaan namoonni haguuggii fuulaa hin fayyadamne kumni 1 fi 941, namoonni fageenya isaanii hin eegganne 860 fi namoonni harka wal fuudhan 12 harkaa harkatti qabamuun too’annoo jala oolaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.