Namoonni daa’imman gowwomsuun gudeedan 2 hidhaa cimaa dabaman

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Namoonni daa’imman gowwomsuun gudeedan 2 hidhaa cimaa dabaman.

Magaalaa Finfinneetti maanguddoon umrii waggaa 65 daa’imman 2 gowwomsuun gudeede hidhaa waggaa 25 yoo adabamu, namni dhuunfan daa’ima guddise gudeede ammoo hidhaa waggaa 11 adabameera.

Kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittii aanaa 10 naannoo Galaan Gurraatti maanguddoon umrii waggaa 65 dhaabbata dhuunfaa tokko keessa hojjetaa ture, yeroo garaagaraatti daa’imman umrii waggaa 8 fi 9 lama gowwomsuun gudeeduu isaa Abbaaan Alangaa Waliigalaa beeksiseera.

Maanguddoon kun Baatii Waxabajjii bara 2011 yeroo garaa garaa maallaqan isinii kenna jechuun yakka gudeeddii da’imman kanneenirratti irra deddeebiin raawwachuu adeemsa qorannoon qulqulaa’uu isaa ibsameera.

Manni murtii sadarkaa jalqabaaa Aqaaqii Qaallittii dhadhacha Waxabajjii 16, 2012 ooleen adabbii yakkamaa kana barsiisuu danda’a jedhe hidhaa cimaa waggaa 25 adabuu isaa Abbaaan Alangaa Waliigalaa beeksiseera.

Oduma walfakkaatuun kutaa bulchiinsa Eekkaa aanaa 6tti yakkamaan daa’ima umrii ijoollummaa ishee kaasee guddise gudeede hidhaa cimaa waggaa 11 fi baatii 9 adamamuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment