Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Namoonni bu’uuraalee misoomaa elektirikaa daandii baaburaaf diriirfame osoo hatanii argaman to’annaa jala ooluu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.
Namoonni kunneen bu’uuraalee misoomaa elektirikaa daandii baabura salphaa Addabaabaayii Tsahaay Riil Isteet hanga naannoo buufata poolisii Marii jiru osoo hatanii qaamolee nageenyaa naannichaan to’atamuu ibsameera.
Namoonni kunneen shiboo elektirikaa lafa jala awwaalamu kan kilo meetira sadii dheeratu hatanii osoo konkolaataatti fe’uuf jedhanii namni tokko to’atamuu hojii gaggeessaan tajaajila seeraa Damee Bahaa Magaalaa Finfinnee obbo Indaalk Aandaargee ibsaniiru.
Shakkamtoonni biroon konkolaataa qabatanii turaniin yeroof baqachuu himaniiru.
Yakkoonni akka kanaa namoota gocha badiirratti hirmaataniin yeroo yerootti kan raawwatamu ta’uu ibsuun hawaasni namoota kanneen wayita argu qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennu yaadachiisuu isaanii ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.