Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Magaalaa Adaamaa fi naannawaa isheetti namoonni garee shororkeessaa ABUT fi Shanee deeggaruun shakkaman 88 to’atamuu poolisiin magaalichaa beeksiise.
Namoonni meeshaaleen, Faayinaansii fi ragaan garee biyya diiguuf socha’aa jiraniif deeggarsa taasiisuun shakkaman 88 to’atamuu itti aanaan daayreektara nageenya naannoo kabachiisuu qajeelcha poolisii magaalaa Adaamaa Komaandar Kabbadaa Laggasaan ibsaniiru.
Humni nageenyaa hawaasa waliin ta’uun namoota kanneen to’achuun qorannoon taasiifamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.