Namoonni 8 Hamaasiin ukkaamsaman du’uu Israa’el beeksiste

Namoonni 8 Hamaasiin ukkaamsaman du’uu Israa’el beeksiste

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)-Israa’el namoota Hamaas ukkamsee fi gadlakkifamu jedhamanii eegaman 26 keessaa saddet du’uu isaanii beeksiste.

Dubbii Himaan Mootummaa Israa’el Deevid Meenser, Israa’el maqaa namoota Hamaas gadhiisuuf jedhuu nuuf kenneera jedhan.

Haala namoonni ukkaamsaman irra jiranis hubachuun namoonni saddet Hamaas harkatti du’uu adda baafachuu himan.

Odeeffannoo Hamaas qoodeef ragaa tikni biyyatti qabu waliin kan walsimuu ta’uu eeruun isaan keessaa namoonni saddet du’uu eeran.

Garuu maqaa isaanii eenyu akka tahan hineerree fi maatii fi firoonni isaanii haala kana dhagahuu ibsaniiru.

Lammiilee Filisxeem 290 hiikuun, dubartoonni torba ammoo gadi lakkifamuu Israa’el beeksisuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment