Namoonni 54 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 26,2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 54 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 1,742 hojjetameera.

Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 6,217 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Lubbuun namoota 5 darbeera.

Namoonni haaraan 164 ammoo dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 2,838 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 114 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 258,390 hojjetameera.

namoonni 28 ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment