namoonni 179 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2012 (FBC) –Qorannaa sa’aa 24 gaggeeffameen namoonni 179 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 4845 hojjetameera jedhan ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.

179 keessaa 116 dhiirota yoo ta’an,63 dubartoota.

Umriin isaaniis baatii 2 hanga waggaa 80 keessatti kan argamu ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 3345 ga’eera.

Namoonni 2 ammoo Finfinneerraa lubbuun darbaniiru.

Namoonni 2 samuudaa reeffarraa fudhatameen mirkanaa’e.

176 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 3 lammii biyya alaatis jedhan.

Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 111 Finfinneerraa, 5 naannoo Somaalee, 23 naannoo Amaaraa, 9 naannoo Tigraay, 2 naannoo Kibbaatii,15 naannoo Oromiyaarra, 11 naannoo Afaar, 2 magaalaa Dirree dawwaa 1 naannoo Hararii ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaan amma ammaatti qorannaa samuudaa 181,349 gaggeessiteetti.

Hanga ammatatis lubbuun namoota 57 darbeera.

Namoonn haaraan 50 dandamaniiru.

Waliigala namoonni 545 dandamataniiru.

Namoonni 30 hordoffii yaala cimaa keessa jiru.

Waliigalaan amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 2741.

Waliigala namoonni hanga ammaatti qabaman 3345 ta’u jechuudha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment