Namni kamiyyuu talaallii Vaayrasii Koronaa fudhachuu qaba – Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa namni umriin isaa waggaa 12 ol ta’e kamiiyyuu talaallii Covid -19 fudhachuu akka qabu hubachiise.
Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa talallii Vaayrasii koronaan wal qabatee leenjii hubannoo cimsu ogeeyyii miidiyaaf kennaa jira.
Namoonni hedduun sababa olola garagaraatiin talaallii Covid- 19 fudhachuuf fedhii dhabuun rakkoo vaayrasichaan dhufu kan hammeessu ta’uu Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti Daayreektari daayreektoreetii Barnoota Fayyaa fi Kominkeeshinii kan Siister Sa’aadaa Ahimad kan himaniiru.
Talaalliin Vaayrasii koroonaa akka waan nama maseensuu fi turtii waggootan booda dhiibbaa biroof akka waan nama saaxiluutti ilaaluun dogongora ta’uu Siister Sa’aadaan eeraniiru.
Talaalliin Vaayirsii koroonaa dhiibbaa kamuu namarraan akka hin geenye tahuun kan mirkanaa’eefi namni kamuu maatii isaa fi lubbuu isaa baraaruuf talaallii Vaayrasii Koronaa fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Talallichi daandeetti madinummaa dhukkuba ofirraa ittisuu kan dabalu waan ta’eef namni umrii isaa waggaa 12 ol ta’e kamiyyuu fudhachuu akka qabuu kaasaniiru.
Naanno Oromiyaatti sosochiin duula talaallii covid-19 marsaa 2ffaan namoota miiliyoona 7.3f laatame eegalamuu kaasaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment