Namni kamiyyuu eeyyama osoo hin fudhatiin hojii maallaqa walitti qabuu akka hin hojjenne dhorkame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Namni kamiyyuu eeyyama osoo hin fudhatiin koree hojii tola ooltummaa hundeessuun hojii maallaqa walitti qabuu akka hin hojjenne dhorkamuu  Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa beeksise.

Kanaan dura eeyyama osoo hin qabaatiin koree hojii tajaajila tola ooltummaa hundessuun namoonni fi gareen maallaqa walitti qabaa turan abbaa taayitichaarraa eeyyama fudhachuun gara hojiimaata seera qabeessatti galuu akka qaban yaadachiisera.

Qaamolee hojiirra hin oolchine qorachuun tarkaanfii barbaachisaa kan irratti fudhatu ta’uu ibseera.

Abbaa Taayitichaarraa eeyyama osoo hin qabaatiin maqaa uummataan karaa kamiinuu maallaqa walitti qabuun dhorkaa ta’uu fi maallaqni maqaa uummataan walitti qabamu karaa seeraan alaa akka hin qisaasofneef ittisuu fi to’achuuf aangoo qabaachuu ibseera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment