Namni Gadamsa Gammoojjii ajjeese horii 100 ykn beenyaa madaalawaa akka kaffaluu Abbootiin Gadaa murteessan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)- Paarkii Biyyoolessaa Abijaataa Shaallaa keessaatti miidhaaf saaxilamaa kan jiru Gadamsi Gammoojjii namni ajjeese horii 100 ykn beenyaa madaalawaa akka kaffaluuf Abbootiin Gadaa aanaa Arsii Nageellee murtoo dabarsaniiru.

Murtichi sodaa balaa Gadamsi gammoojjii baduu akka hiri’su ibsameera.

Abbaan Gadaa Tufaa Daraarsoo akka ibsiniitti, garaa Siqqeetti Gadamsa gammoojjiirratti jiraattoota naannichaan miidhaan qaqqabuun badaa jiraachuu himaniiru.

Murtoo abbootii gadaa kanneeniin namni Gadamsa gammoojjiicha ajjeese horii 100 ni adabamaa ykn beenyaa madalawaa ta’ee ni kaffala jedhameera.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment