Namni dhuunfaan rasaasa seeraan alaa dhoksan dabarsuuf yaale to’atame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti namni dhuunfaan rasaasa seeraan alaa dhoksan dabarsuuf yaale to’atamuu Poolisiin beeksise.
Namni dhuunfaan Rasaasa seeraan alaa 404 konkolaataa fe’umsaa ISUZU jedhamuun Korojoo Daakuu keessa dhoksuun dabarsuuf yaalaa ture godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo iddoo addaa maqa magaalaa Dirree Guddoo jedhamutti to’atamuu itti gaafatamaan Poolisii aanichaa Komaandar Tolaasaa Malkaa ibsaniiru.
Hordoffii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa taasiisaa tureen to’annoo jala ooluun dhimmi isaa qoratamaa jiraachuu ibsameera.
Aanichatti isa ammaa osoo hin dabalin baatii kana Rasaasni 862 to’atamuu eerameera.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment