Namni dhuunfaan qabeenya Birrii miiliyoona 11 olitti tilmamamu fudhatee miliqe to’atame

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Namni dhuunfaan qabeenya Birrii miiliyoona 11olitti tilmamamu fudhatee miliqe to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Namni dhuunfaan qabeenya Birrii miiliyoona 11 olitti tilmamamu fudhatee miliquun osoo hin ugguramin uggurameera jechuun qaama isa uggureef Birrii miiliyoonni 2 galii akka ta’u gaafate waahillaan isaa waliin to’atamuu Poolsiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Namni dhuunfaan Konkolaataa Fe’umsaarratti qacaramee kan hojjetu ta’uu isaa ibsameera.

Adooleessa 18, 2015 Konkolaataa Fe’umsaa Saamunaa uffataa Birrii miiliyoona 4 baasu fe’uun Finfinnee gara Magaala Matammaatti imala eegalee turuu ibsameera.

Wayita Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee magaalaa Muka Xurii ga’u uggurameera jechuun namoota isa uggureef Birrii miiliyoona 2 galii akka taasiifamu abbaa qabeenyichaa gaaffachuu ibsameera.

Abbaan qabeenyaa odeeffannoo Poolisii magaalaa Finfinneef laateen gareen hordoffii hundaa’uun qaamolee nageenyaa waliin dhimmichi hordofamaa turuu eerameera.

Haaluma kanaan waahilli isaa abbaan qabeenyaa Birrii miiliyoona 2 galii akka taasiisu tumse Hagayya 8, 2015 to’atameera.

Konkolaataa Birrii miiliiyoona 7.6 baasuu fi Saamunaa Uffataa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamamu to’achuuf hordoffii taasiifamaa tureen Magaalaa Bishooftuu aanaa Ooraa Buufata Konkolaataa moofaa jedhamuun waamamu keessatti to’atamuu ragaan Poolisii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment