Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Namni dhuunfaan Birrii biiliyoona 5 ol karaa seeraan alan sochoosaa ture tumsitootaa isaa 25 waliin to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Shakkamtoonni kunneen eeruu ummatarraa argameen hordoffii cimaa taasiisuun to’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu ibseera.
Shakkamaan jiraataa magaalaa Finfinnee ta’e eeyyama daldalaa meeshaalee Elektirooniksii, meeshaalee manaa fi biiroolee qabu daheeffachuun karaa seeraan alaa daddabarsa sharafa maallaqoota alaa keessatti hirmaachuun maqaa isaa fi obboleettii isaan lakkoofsa herrega baankii baname 25 kan qabu yoo ta’u, tokko keessaa qofa Birrii miiliyoona 247 qabaachuu ibsameera.
Jaallewwan isaa 25 waliin ta’uun karaa seeraan alaa Birrii biiliyoona 5.1 ol sochoosaa jiraachuu qorannoo duraan irra ga’amuu ibsameera.
Shakkamtoonni kunneen waliigala waggaa tokko keessatti Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona 248 karaa seeraan alaa sochoosaa turuu isaanii ragaan qorannoo Poolisii Federaalaa ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.