Finfinnee, Mudde 30, 2017 (FMC) –Namni dhuunfaan Digirii Sobaan qaxaramee Hojii Gaggeessaa olaanaa ta’ee hojjetaa ture yakka malaammaltummaan himatamuun hidhaa fi maallaqaan adabamuun ibsame.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti Dhaddachi Ramaddii 1ffaa Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa shakkamicha adabuu ibsameera.
Shakkamaan kun beeksisa hojii Waldaan Aksiyoonii Daldala Hoteelootaa fi Shaqaxa Waliigalaa Addis Faanaan Sadaasa 6, 2012 baaserratti Bara 2001 Yuunivarsiitii Koollejjii Alfaarraa gosa barnootaa Ikkoonoomiksiin Digirii jalqabaan akka eebbifameetti sanada sobaa dhaabbatichaaf dhiyeessun galmaa’uu ibsameera.
Amajjii 18, 2016 eegalee hojii gaggeessaa hojii Daldalaa ta’uun hojjeteera.
Ebla 28,2014 eegalee hanga Ebla 29, 2015tti hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbatichaa ta’uun tajaajileera.
Hojii gaggeessaa dhaabbatichaa ta’uun hojjechaa kaffaltiin mindaa fi faayidaan waliigalaa Birri kuma 700 fi kuma 15 fi 190 akka kaffalamuuf taasisuu isaan yakka gowwoomsuu cimaan himatameera.
Manni murtichaas ragaa dhiyaate erga qoratee booda shakkamaan yakkamaa ta’uu itti murteessera.
Haaluma kanaan yaada murtee adabbii salphisan bitaa fi mirgaa dhiyaate tilmaama keessa galchuun hidhaa cimaa waggaa 5 fi Maallaqa Birrii kuma 100 fi kuma 10 akka adabamu itti murteessera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia