Namni dhuunfaa Doolaarri sobaa kumni 290 ol harkatti qabame to’atame

Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Namni dhuunfaa lammii kaameeruun Doolaarri sobaa kumni dhibbi 2fi 90 ol harkatti qabame to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Shakamtichi sababa sobaa uumuun nama dhuunfaa tokko waliin daandiirratti erga walbareen booda gara fuuladuraatti bal’inaan haasawuufi waliin hojjechuu akka barbaadu ibsuun namichaa waliin bilbila wal jijjiiruun adda bahuu poolisiin ibseera.

Shakkamtichi oduu sobaa burjaajjiif isa fayyadu uumuun abbaan isaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessa hojjechaa akka turaniifi deeggarsaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 5 walitti qabuufi maallaqichi kaayyoo barbaadamerra osoo hin ooliin abbaan isaa du’aan addunyaa kanarraa boqochuu namicha walbare sanaaf ibsuu poolisiin eereera.

Doolaara walitti qabame keessaa miiliyoona 2 gama dippiloomaatotaan gara Ityoophiyaa fiduun hojii invastimantiirratti bobba’uu akka barbaadu namicha lammii Ityoophiyaaf ibsuu poolisiin addeesseera.

Hojii invastimantiirratti waliin hojjechuu kan barbaadu yoo ta’e Birrii miiliyoona 1 fi kuma 480 akka buusu gaafatamuufi gaaffii isaa kanaan shakkii keessa kan gale lammiin Ityoophiyaa kun poolisiif eeruu kennuu ibsameera.

Hordoffii shakamticharratti gaggeeffameen Fulbaana 30, 2015 Kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 10 naannoo Addabaabaayii Aayaat bakka Mana Daabboo Xaa’im jedhamutti to’atamuu poolisiin ibseera.

Sakattoo shakkamticharratti taasifameen Doolaara Sobaa kuma dhibba 2 fi kuma 97fi 700 akkasumas Birrii sobaa kuma 3fi 600 akkasumas maashiniifi keemikaalonni  maallaqa sobaa qopheessuuf itti fayyadamu በto’atamuu eerameera.

Shakkamtichi to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment