Namni dhuunfaa Doolaara kuma 26 ol daddabarsaa ture to’atame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015(FBC)- Namni dhuunfaa Doolaara kuma 26fi 400 karaa seeraan alaa daddabarsuun  shakkame to’atamuu Qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Bahaa beeksise.

Shakkamtichi kaleessa galgala naannoo sa’aatii 2:00 konkolaataa doolfiin jedhamu keessa maallaqicha dhoksuun magaalaa Finfinneerraa gara Jigjigaatti osoo imaluu to’atamuu hogganaan sabquunnamtii qajeelchichaa Saajiin Olaanaan Jamaal Ahimad ibsaniiru.

Shakkamtichi miseensota poolisii to’annoo daandii saffisaa Addis- Adaamaan to’atamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Shakkamtichi seensa keellaa Tulluu Diimtuu darbee miliquuf osoo yaaluu maallaqicha waliin to’atamuu eeruun, qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment