Namichi qorannaa vaayrasii koroonaa jalaa miliqee ture bilisa ta’e

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012(FBC) – Namichi Saawdiidhaa gara Ityoophiyaa dhufuun tursa keessa seenuu didee miliqee ture vaayrasii koroonaarra bilisa ta’uun isaa ibsame.

Namichi shakkame Saawdiidhaa dhufee, mallattoon shakkii irratti muul’achuun tursa akka seenu itti himamus miliqee gara Walloo Kibbaatti imaluun isaa ni yaadatama.

Yaata’uutii to’atamuun qorannaa taasifameefin bilisa ta’uusaa Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Inistiitiyuutichi akka beeksisetti namichi vaayrasicharraa bilisa ta’uu qorannaa laabraatooriitin mirkanaa’era.

Comments (0)
Add Comment