Nama ugguruun Birrii miiliyoona 10 kan gaafatan to’ataman

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)- Dargaggeessa tokko ugguruun Birrii miiliyoona 10 kan gaafatan shakkamtoonni lama to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ugguraa fi ugguraman baatii tokkoof hiriyaa walii akka turan eerameera.

Qajeelchaa Poolisii Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti Itti Gaafatamaan Qorannoo Yakkaa fi Balaa Tiraafikaa Komaandara Ittaanaa Zarihuun Tafarraan akka ibsanitti, shakkamtoonni lameen yakkicha raawwachuuf mana Birrii kuma 5’n kireeffachuu fi abbaan dargaggeessa uggurame biyya alaa akka jiraatu hubachuun yakkichaa raawwachuu ibsuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Yakkoonni akkanaa raawwatamaa jiraachuu yaadachiisanii, hawaasnis gochaalee akkanaa wayitaa argutti eeruu kennuu fi yakkamtootaa saaxiluun gahee isaa akka bahatu akeekaniiru.

Shakkamtoonni kunneen qindoomina Poolisii Magaalaa Finfinnee, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo fi Poolisii Federaalaan hordoffii taasisfameen to’annoo jala oolfamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment