Nama dhuunfaa ta’uurra maatii ta’uu, maatii ta’uurra Uummata ta’uu, Uummata ta’urra biyya ta’uutu caala -Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Nama dhuunfaa ta’uurra maatii ta’uu, maatii ta’uurra Uummata ta’uu, Uummata ta’urra biyya ta’uutu caala jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.

‘Finfinneen gootoota ijoolleesheetiin marfamte jirti jedhan Aadde Adaanachi Abeebee.

Nama dhuunfaa ta’uurra maatii ta’uu, maatii ta’uurra Uummata ta’uu, Uummata ta’urra biyya ta’uutu caalaa jechuun dubbatan haasawa hiriira deeggarsaa gaggeeffamaa jirurratti argamuun taasiisaniin.

Miidiiyaaleen soba isaaniif dhaabbatani Ityoophiyaarratti duulan erga qorannoon dhugaa Ityoophiyaa ifoomsee Kanneen dhiifama gaafatan tokkollee hin jirus jedhan.

Keessa darbuun Finfinneen ABUT marfamee jechuun itti fufaniis, Finfinneen gootoota ijoolleesheen marfamte jedhan.

Ijoollee Adwaa ta’uu keenya dagachuun AGOA’n nu doorsiisu barbaadan, Adwaan Bilisummaadha AGOA’n deeggarsa.

Kan bilisummaa keenyaafi birmadummaa keenyatti dhufuu gaabbii fi of duuba deebi’uu tokko malee, wareegamuuf duubatti hin deebinu jedhan.

Gooticha Raayyaa ittisa Biyyaa fi qonnaan Bultoonni Ityoophiyaan gootummaa hedduu galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment