Nama baraaruuf nama ta’uun gahaadha- Magaalaa Bulee Horaa irraa

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Nama baraaruuf nama ta’uun gahaadha- Magaalaa Bulee Horaa irraa
Konkolaataan gubachaa jiru kun Muddee 07, 2013 Magaalaa Bulee Horaa handhura ishii keessatti boba’aa barmeela 21 fe’atee gara Aanaa Surroo Barguddaa osoo geessuuf jiru tasa balaan ibiddaa mudatee.
konkolaachisaan dargaggeessi Solomoon Damallaash jedhamu konkolaataa ibiddi itti qabatee laboobaa jiru keessa seenee Magaalaa keessaa alatti baasuuf banee seenee itti qajeele.
Konkoolaachisaan kun osoo rifatee baqateera ta’ee Magaalaan Bulee Horaa miidhaan hin tilmaamamu hin danda’amne irra ghaa ture.
Konkolaachisichi garuu balaa kana xiqqeessuuf konkolaataa gubachaa jiru oofee magaalaan ala baase.
Balaa kanaan qabeenya konkolaataa fi boba’aan ala lubbuu namaa fi qabeenyaa kamiyyuu akka hin badin Waajjirri Poolisii Magaalaa Bulee Horaa beeksise jira.
Konkolaachisichi dirqama ogummaa isaa bahachuu dandaheera; Tarkaanfii konkolaachisaan magaalaa fi ummata magaalichaa baraaruuf taasiseen ummanni dinqisifachuun galateeffataniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment