Nageenyummaan yaa’iinsa geejjibaa Itiyoo-Jibuutii akka eegamuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Nageenyummaan yaa’iinsa geejjibaa Itiyoo-Jibuutii eegamee akka gaggeeffamu xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Misooma Daandiiwwanii Fi Geejjibaa Naannoo Afar beeksise.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Huseen Bolkoo akka ibsanitti, sochii geejjiba daldalaa biyyattii saffisiisuuf tarkaanfiiwwan sirreeffamaa garaagaraa fudhatamaa jira.

Haaluma kanaan, seeraan alaa naannawaa garaagaratti to’attoota nageenya daandii konkolaachistoota rakkisaa turan hojiirraa ugguruu dabalatee seeraan akka gaafataman taasisuun eerameera.

Biirichi qaamolee dhimmichi ilaallatu garaagaraa waliin ta’uun daandiiwwan manca’an hojiileen furmaata yeroo kennuu gaggeeffamuu ibsaniiru.

Fuuldurattis, bilisummaa fi nageeyummaan konkolaachistootaa fi abbootiin qabeenyaa mirkanaa’ee hojiilee isaanii akka gaggeessaniif xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa wayita balaan tasaa uumamutti kaffaltii beenyaan walqabatee komiiwwan konkolaachistootarraa ka’uu hambisuuf jaarsolii biyyaa fi dhaabbilee haqaa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Poolisoonni tiraafikaa naannichaa gama isaaniin, nageenyummaa konkolaachistootaa geejjibaa Itiyoo-Jibuutii mirkaneessuuf to’annoorraa eegalee hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbachuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment