Nageenyummaan dameen Aviyeeshinii Itiyoophiyaa kan eegame ta’uun mirkanaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC)- Nageenyummaan Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa sodaa kamuu kan hinqabne ta’uu Dhaabbanni Siviil Aviyeeshinii Idil Addunyaa mirkaneesse.

Dhaabbatichi oditii nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa guyyoota 10’f gaggeessaa ture xumureera.

Tajaajila nageenya Odeeffannootti Daayrektarri Qajeelcha Olaanaa Nageenyaa Siviil Aviyeeshinii Asraat Qajeelaa ibsa kennaniin bu’aan oditiin Aviyeeshinii waggoota 12 booda gaggeeffame har’a ifoomuu eeraniiru.

Ooditiin kunis dameewwan murteessoo saddeetiin kan gaggeeffame ta’uu eeruun, dameewan hundaan nageenyumman kan mirkanaa’e ta’uu himan.

Buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee dabalatee dhaabbilee buufata xiyyaaraatti qorannoon hammattoowwan seeraa fi daawwannaan hundagaleessaa taasifamuu dubbatan.

Bu’aan ooditii kunis guddinna hunda galeessaa Itiyoophiyaaf akeektuu ta’uu, maqaa fi seenaa biyyattii kan madaalu ta’uu eeraniiru.

Dabalataan dhaabbilee damee aviyeeshiniirratti bobba’aniif wabii olaanaa ta’uus kaasan.

Milkaa’inichaaf dhaabbilee fi hoggantoota gumaachan galateeffatanii, gama kanaan dandeettii dabalataa uumuun cimee akka fufuuf jalqabbii gaariin akka jiru ibsaniiru.

Ashannaafii Shibbiruu fi Misikkir Sinaaffiqtu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment