Nageenyi mirkanaa’e kufaatii barnootaarratti ciminaan hojjechuuf carraa kan kennuudha-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Nageenyi mirkanaa’e kufaatii akka barnootaatti mudaterratti ciminaan hojjechuuf carraa waan kennuuf itti fayyadamuu qabna jechuun Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa dubbatan.

Yaa’iin barnootaa biyyaalessaa 31ffaan mata duree “Sirna madaallii barnootaa cimaa qulqullina barnootaaf” jedhuun Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’icharratti Pirofeesar Birhaanuun akka dubbatanitti, sababa waraanaan manneen barnootaa manca’an deebisanii ijaaruu fi barattoota gara barnootaatti deebisuun marii bal’aa barbaachisa jedhaniiru.

Qormaata kutaa 12ffaa akka fakkeenyaatti kan kaasan Pirofeesar Birhaanuun, hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf eegalaman cimanii akka itti fufaan himaniiru.

Tattaaffiin qaamolee qooda fudhattootaa damee barnootaa akka cimu waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa’ichaan gamaaggamni raawwii karoora bara 2014 fi sochii karoora bara 2015 irratti marii bal’aan ni gaggeeffama jedhamee eegama.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment