Nageenyi Magaalattii akka mirkanaa’uuf gaheen Miseensota Raayyaa Nageenyaa olaana ta’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Nageenyi Magaalaa Finfinnee akka mirkanaa’uuf miseensonni raayyaa Nageenyaa gaheen bahatan olaanaa ta’uun ibsame.

Finfinneetti ayyaanotaa amantaa gaggeeffaman nagaan akka xumuramuuf Miseensotaa Raayaa Nageenyaa gumaachaa taasisaniif sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.

Saganticharratti Kantiibaan Blchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen haasawaa taasisaniin, hojiin nageenyaa kan hoggansaa qofa utuu hintaane hirmaannaa hawaasaa kan gaafatu ta’uu himan.

Akka Magaalaa Finfinneetti nageenya waaraa mirkaneessuuf gumaachi miseensonni raayyaa nageenyaa taasisan olaanaa ta’uu ibsanii, gumaacha taasisaniifis galateeffachuu TOI gabaaseera.

Hoggantuun Biiroo Buchiinsaaf Nageenyaa Magaalichaa Aadde Liidiyaa Girmaan gama isaaniin, Miseensonni Raayyaa Nageenyaa, nageenyi magaalattii akka mirkanaa’uuf gaheen bahatan olaanaa ta’uu eeruun tattaaffiin kunis cimee akka itti fufuu hubachiisan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment