Nageenyi Finfinnee fi naannawaa ishee haala amansiisarratti argama–Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC) – Nageenyi Finfinnee fi naannawaa ishee haala amansiisarratti kan argamu ta’uu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii mirkaneesse.

Humni Waloo kun gamaaggama Waajjira Muummee Poolisii Federaalaatti gaggeesseen Nageenyi Finfinnee fi naannawaa ishee haala amansiisarratti kan argamu ta’uu mirkaneesseera.

Akkuma Naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti hojiileen nageenyaa komaadi postiin hojjetaman, Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheettis oppireeshinii gaggeeffameen bifa gurmaa’een yakkoonni meeshalee waraanaa fayyadamuun raawwataman kan hinjirre ta’uu mirkaneesseera.

Haala nageenyaa amansiisaa taasisuuf yakkoonni daddabarsa meeshalee waraanaa, kontiroobaandii, daddabarsa namootaa, sanda sobaa, ugguraa fi hanna raawwachaa kan turan shakkamtoonni to’annoo jala oolfamuu Humnichi waloo beeksiseera.

Finfinneetti mana kireeffachuun lammiilee biyyaa alaa daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuurratti bobb’an saddeetii fi Itiyoophiyaanota afur, akkasumas Kookeenii hamma garaagaraan samsaman to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa akka jiru himameera.

Fuuldurattis nageenyummaan ayyaanota ummataa fi sagantaalee mootummaa, yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa akkasumas walga’iiwwan Idil Addunyaa mirkaneessuf leenjii humna namaa fi teeknooloojiiwwan hojiirra oolfaman hawaasaatti beeksisuuf qophiin taasifamuu Humnii Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment