Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Mootummaan Naannoo Amaaraa nageenyi filannoo yeroo maraa naannichaa ta’uu ibseera.
Mootummaan naannichaa imaammataa ijaarsa nageenyaa, misoomaafi sirna diimookiraasii birmadummaa, fooyya’iinsa jireenyaafi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu danda’an raawwachuuniifi raawwachiisuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu ibsa haala yeroo irratti kenneen eereera.
Boqonnaan jijjiiramaa wayita eegalurraa kaasee rakkoolee mudatan irratti kutannoon hanga wareegama kaffaluutti qabsaa’uun uummanni naannichaa nageenya, misoomaafi ijaarsa sirna diimookiraasirratti kallattiin akka hirmaatuuf tattaaffii cimaan taasifamaa turuufi jiraachuu ibseera.
Mootummaan naannichaa karoora waraanaan boodaa baasuun buqqatota waaraan dhaabuuf, caasaalee bulchiinsaa diigaman deebisee gurmneessuuf, bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisee suphuuf akkasumas miidhaa xiinsammuu uummatichaa gara duraatti deebisuuf hojjechaa turuufi jiraachuu eereera.
Waraana naannichatti babal’achaa ture qolachuuf humna gurmaa’ee socho’aa ture gara jireenya nagaatti deebisuufi fayyadamaa misoomaa taasisuuf marii bal’aan taasifamuu mootummaan naannichaa yaadachiiseera.
Haa ta’u malee humnoonni muraasni gurmaa’iinsa kana keessa jiran faayidaan dhuunfaa isaanii akka addaan hin cinneef kaayyoo gurmaa’anii turaniif dagachuuniifi sochii taasisaa jiraniif bifa siyaasaa kennuun haala fedhii uummata Amaaraa hin taaneen qaamolee nageenyaa mootummaarratti qoccolloo kaasuun naannichaafi biyyattii gara jeequmsaatti galchuuf socho’uu ibseera.
Tarkaanfiin seera kabachiisuu sababoota armaan oliitti eeramaniin bakkeewwan muraasa rakkoon jirutti kan taasifamu malee naannichaatti iddoowwan hundatti akka hin taane hubachuun barbaachisaa ta’uu mootummaan naannichaa ibseera.
Naannichi akka rogeeyyiin miidiyaa finxaaleyyiin jedhan osoo hin taane naannichaa keessa nagaan jiraachuu ibseera.
Uummannis qaamolee kanneen irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatuuf gaafachaa turuu eereera.
Hojiin seera kabachiisuuf hojjetamaa jiru uummata naannichaa hidhannoo hiikkachiisuuf akka hin taane irra deddeebiin beeksisuu eeruun, hojiin seera kabachiisuu hojjetamaa jiru uummata naannichaa gara nageenya waaraatti galchuun fayyadamummaa nageenyaafi misooma haqa qabeessaa dhugoomsuuf ta’uu kaaseera.
Mootummaan naannichaa nageenyi filannoo yeroo maraa filmaata biraa hin qabne ta’uu kan amanu ta’uu ibseera.
Namoonni dhuunfaafi gareen finxaaleyyii faayidaawwan uummata naannichaarra dhaabbachuun gochaa badiisaaniirraa ofqusachuun filannoowwan nageenyaa mootummaan kaa’etti akka fayyadamaniif har’as irra deebiin kan hubachiisu ta’uu ibsameera.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa finxaaleyyii ta’aniifi gocha jeequmsa kakaasuu keessatti hirmaatan hundi gochaasaaniirraa of qusachuu akka qaban hubachiiseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.