Nageenyi fedhii bu’uuraa ummata Tigray ta’uu jiraattonni naannichaa dubbatan

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Nageenyi fedhii bu’uuraa ummataa Tigray ta’uu jiraattonni naannichaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif yaada kennan dubbatan.

Kutaalee hawaasaa garaagaraa FBC’n dubbise waraanichaan akka miidhaman dubbataniru.

Ummanni Tigraay yeroo garaagaraatti waranaa gaggeeffamaniirraa kan bufatan kisaaraa qofa ta’uu eeruun haalli kunis irra deebi’amuu hinqabu jedhaniiru.

Jirattonni Shiraaroo, Shiree, Addii Hagaraay, waraanni du’aa, godaansa, mancaatii bu’uuraalee misoomaa fi diigumsaaf sababa ta’uu ibsuun nageenyi filannoo ummatichaa ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa hordofee waraanaarraa hafura fudhachuu, deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jirachuu fi tajaajiloonnni bu’uuraa deebi’uu eegaluu himanii, kunis cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Lammiileen hunduu nageenyaaf dursa kennuu akka qabuu fi haalli nageenyaas akka mirkanaa’u gaafataniiru.

Hirphoo Shiboo, Layikun Alam, Afwarqi Iyyaayyutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment