Nageenyaafi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu keessatti ga’een dubartootaa olaanaadha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 18, 2016 (FBC) – Konfiransiin Nageenyaa Liigii dubartoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti geggeeffamaa jira.

Konfiransichi mata duree “Nageenya Itiyoophiyaa Nan Eegsisa, Ilmaan Koos Horata Nan Dhaalchisa” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa keessatti mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu waltajjichaan ibsameera.

Nageenyaafi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu keessatti ga’een dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu eerameera.

Akka Oromiyaatti liigiin dubartootaa miseensota miliyoona 3.1 ol qabaachuu Hooggantuun Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Saamiyaa Abdallaan ibsaniiru.

Walitti Qabduu Liigii Dubartootaafi Hooggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraatee Baacaas Karoora imala badhaadhinaa bara 2040 Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina addunyaa taasisuuf hojjetamu keessatti ga’een dubartootaa murteessaa ta’uu ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment