Nageenyaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uu Poolisiin Federaalaa ibse

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa mirkaneessuuf yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu Poolisiin Federaalaa ibse

Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaatti Qajeelchi Addaa Farra Shororkeessummaa sagantaa beekkamtii gaggeesseera.

Saganticharratti Komishinarri Poolisii Federaalaa Dammallash Gabiramikaa’eel, hoggantoonni fi miseensonni qajeelcha addaa farra shororkeessummaa naamusa cimaan hogganamuun yeroo kamittuu humnoota farra nageenyaa Itiyoophiyaa diiguuf socho’an irratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun, ergama isaanii ga’umsaa fi injifannoon bahachuu dubbatan.

Fuuldurattis nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa eeguuf yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu ibsaniiru.

Humni addaa farra shororkeessummaa bu’uuraa riifoormii Polisii Federaalaan, loogii fi hannarraa walaba ta’e gurmaa’uun, kallattii bobba’e hundaatti ergama biyyummaa gootummaan raawwachuu fi kanneen biroof fakkeenya kan ta’uudha jechuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Ittisaa Yakkaa Poolisii Federalaa Komishinar Malaakuu Faantaan gama isaaniin, qajeelchi addaa farra shororkeessummaa, wayita rakkoolee nageenyaa mudatan gootummaa fi kutannoon farreen nageenyaa dura dhaabbachuun egeree fi nageenya Itiyoophiyaa kan cimse ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment