Nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisuu cimsee itt fufuu qaba-Poolisii

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisuu cimsee itt fufuu akka qabu Komishinii Poolisii magaalichaa waamicha dhiyeesseera.

Itti aanaan daayreektara komishinichaa Koomaandaar Maariqoos Taaddasaa akka himaniitti, baatiwwan salgan darbanitti Poolisiin hawaasa waliin ta’uun hojiiwwan nageenyaa addaa addaa hojjetaa tureera.

Keessayyuu alseerummaa ittisuu hawaasa waliin hojii raawwateen shira humnoota nageenyaa magaalichaa booressuuf tattaaffiin taasisaan fashala’eera.

Nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisuu cimsee itt fufuu qabaan dhaamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment