Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa keenyaa eeguun gocha badii farra nageenyaa fashaleessuuf qophiidha- Dubartoota Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa  eeguun gocha badii farra nageenyaa fashaleessuuf qophii ta’uu dubartoonni bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksisan.

Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa magaalaa Finfinnee haala yeroo biyyaalessaa irratti dubartoota magaalichaa waliin marii gaggeesseera.

Dubartoonni ijaarsa biyyaa kaleessaarratti akkuma qooda olaanaa taphatan har’as human Ityoophiyaa bittimsuuf ka’e balleessuu kan danda’an ta’uu hoogganttuun Biirichaa Dooktar Haannaa Yashiinigus marichaan kaasaniiru.

Dubartoonni garee badii kana falmuun Raayyaa Ittisa Biyyaaf gaachana ta’anii biyyi akka itti fuftuuf ga’ee olaanaa ba’achuu akka qaban ibsaniiru.

Hirmaattonni marichaa gama isaaniitiin, deeggarsa gama maraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisan cinatti nageenyaafi tasgabbii naannoo isaanii kabachiisuun shira humnoota badii fashaleessuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan waajjira Seekretariyaat Preesii Magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment