Nageenyaa fi Badhaadhina Itiyoophiyaa waaraa mirkaneessuun tajaajiluu keenya itti fufna-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Nageenyaa fi Badhaadhina Itiyoophiyaa waaraa mirkaneessuun ciminaan tajaajiluu itti fufna jedha Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanecha, waggaa 5ffaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa sababeeffachuun “Guddummaan yaadaa Badhaadhina hundagaleessaaf” mata duree jedhuun agarsiisa qophaa’e banuu gama miidiyaa haawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa guddummaa yaadaatti amanuun yaada qabatee, guddummaa yaadaatiin qabsaa’ee, guddummaa yaadaatiin uummataan filatamee, uummata waliin gadi jedhee hojjechuu irratti argama jedhan.

Kunis paartii uummataa ta’uusaa waggoota shanan kanatti hojiiwwan hojjetaman ragaa ta’uu fi eenyummaa fi kaayyoo paartii ifatti kanneen mul’isan ta’uus himan.

Finfinnee akkuma maqaa ishee Abaaboo miidhagduu taasisuu, Magaalaa qulqullooftuu, miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu, giddugala hawwataa idil-addunyaa taasisuuf waadaa galan eeguu mirkaneessaniiru.

Misoomaatiin fayyadamummaa jiraattota haqa qabeessa kan mirkaneessan hojiilee namarratti xiyyeeffatan hojjechuun imimmaan hedduu haquu ibsaniiru.

Imalli daandiichaa namoota rakkoo ilaalchaa qabaniin qormaatilee fi rakkoolee mudachaa turuu yadachiisanii, gootonni qormaatilee muudataniin wareegamanii fi daandii jijjiiratanis akka jiran eeran.

Ta’us, obsaa fi injifannoon itti fufuu akeekanii, “Ammas waadaa keenya haaroomsinee gufuuwwan balleessinee, harka walqabachuun daandii eegalleen uummata keenya gadi jennee tajaajiluu akkasumas nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa waaraa mirkaneessuuf cimina olaanaan tajaajiluu keenya itti fufna” jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment