Nageenya waaraa mirkaneessuuf ga’een dargaggootaa olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Duudhaalee gaarii eeguu fi Nageenya waaraa mirkaneessuuf ga’een dargaggootaa olaanaa ta’uu Manni Maree Dargaggootaa ibseera.

Guyyaan Nageenyaa addunyaa mata duree ‘hirmaannaa hoo’aa dargaggootaa, nageenya waaraa fi galmoota addunyaaf’ jedhuun Finfinneetti kabajamaa jira.

Rakkoon nageenyaa kutaalee hawaasaa hunda kan miidhu ta’us caalmaatti dargaggoota kan miidhu ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Dargaggootaa Obbo Fu’aad Gannaan ibsaniiru.

Duudhaalee gaarii eeguu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheen dargaggootaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti qooda dargaggootaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiilee nageenya waaraa mirkeessuuf hojjetamu keessatti hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Itaaganyi Asaffaan ibsaniiru.

Guyyaan Nageenya Addunyaa bara Faranjootaa 1981 eegalee bara baraan Fulbaana 10 ni kabajama.

Yismaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment