Nageenya waaraa mirkaneessuuf biyyoonni Awurooppaa Raashiyaa fi ummata biyyattii kabajuu qabu – Preezdaant Imaanu’eel Maakroon

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Raashiyaa fi Yuukreenitti nageenya waaraa mirkaneessuuf biyyoonni Awurooppaa Raashiyaa fi ummata biyyattii kabajuu akka qaban Preezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon hubachiisan.
Preezdaant Imaanu’eel Maakroon waltajjii qophii duraa filannoorratti haasawa taasiisaniin hawaasa Raashiyaa fi Beelaaruus waliin dhimmoota adda addaarratti tumsaan hojjechaa jiraachuu fi haala waqtaarrattis waliin dubbachaa akka jiran eeraniiru.
Hariiroo ummattootaa cimsuun ga’ee hundaa ta’uu dubbachuun, Artiistoota fi Hayyoota Raashiyaa fi Beelaaruu waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jiraachuu himaniiru.
Faransaay yeroo kamiiyyuu Raashiyaa fi Ummata ishee kan kabajju ta’uu ibsaniiru.
Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen qabbaneesuuf Raashiyaa fi Ummata ishee kabajuun barabaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Hirmaannaa Raashiyaa malee naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuun rakkisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Maddi:-Ispuutinik
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment