Nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti dubartoota hirmaachisuun murteessaadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC) – Nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti dubartoota hirmaachisuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Dhaabbanni mit- mootummaa “East African Initiative for Change (I4C) Imbaasii Siwizerlaandi waliin ta’uun,mata-duree “Nageenya Waaraa Fiduu Keessatti Ga’ee Dubartoonni Qaban” jedhuun dubartootaa dhaabbilee adda addaarraa walitti babba’an waliin magaalaa Adaamaatti mari’ateera.

Waltajjiin marii guyyaa lamaaf gaggeeffamerratti dhimmoota nageenya waaraa mirkaneessuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Qaamolee Irreecha dirree jeequmsaa taasisuuf socho’an dura kan dhaabbatanii fi mariin Nageenyaa Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti eegalame cimee akka itti fufuu gaafataniiru.

Itiyoophiyatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannan dubartootaa fi qindoominni qaamolee hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjichi ibsa ejjennoo abbaa qabxii 8 baafachuun xumurameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment