Nageenya waaraa Ityoophiyaa qajeelchuuf hunduu waloon akka dhaabbatu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) – Bara haaraatti nageenya waaraa Ityoophiyaa fi imala milkaa’inaa qajeelchuuf hunduu waloon akka dhaabbatu Koomishiniin Marii Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.

Walitti Qabaan Koomishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Ar’ayaa bara haaraa 2015 ilaalchisuun yaada kennaniin, waraana kutaa Kaabaa biyyattii, walitti bu’iinsaa naannawaa muraasatti mul’atu, lammiileen du’uu fi buqqa’uun akkasumas dhiibbaan idil addunyaa bara 2014 keessa qormaata turuu ibsan.

Faallaa kanaan guutiinsi bishaanii Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa fi tarbaayinoonni isaa lama anniisaa maddisiisuu eegaluu fi bu’aan misooma qamadii jallisiin galmaa’e abdii ta’uu eeraniiru.

Waan ta’eef, bara 2015tti Ityoophiyaanotaaf bara nagaan itti mirkanaa’e, bu’aaleen misoomaa caaluu kan itti galmaa’an akka ta’uuf hunduu kan irraa eegamuu raawwachuu qaba jedhaniiru.

Lammiilee waraanaan miidhaman dandamachiisuun, abdiiwwan nageenyaa fi misoomaa Ityoophiyaa eegalaman, dhugoomsuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaanonni marii biyyaalessaaf hirmaannaa fi tumsa qajeelaa taasisuun rakkoolee jiranirratti walitti dhiyeenyaan haa mari’annu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Karoorri misooma gama maraa Ityoophiyaa akka milkaa’uuf paartileen, hayyoonni, waliigalaan hawaasni hirmaannaa fi deeggarsa qajeelaa akka taasisan, keessumaa dargaggoonni miira keessa galuurra mariitti amanuun nageenyaa fi misooma biyyaaf tumsitoota murteessoo akka ta’an gaafataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment