Nageenya waaraa fiduufi sirna itti wareegamne ceesisuudhaaf hunduu hojii nageenyaa tumsuu qaba – Komishinar Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Bulchiinsa,Nageenyaafi Haqaa naannoo Oromiyaa Komishinar Kaffaaloo Tafarraan dhimma nageenyaa ilaalchisee gaaffii miseensota caffee Oromiyaarraa ka’aniif deebii kennaniiru.

Nageenya waaraa fiduu qaamni hundi hojii nageenyaa hojjetamu tumsuu akka qaban ibsaniiru.

Humni hidhatee jiru garee shanee maree nageenyaa diduun ummata dararaa jiranirratti qaamooleen nageenyaa qindoominaan tarkaanfii fudhachaa jiraachuu himaniiru.

Yoo cimneefi ijaaramne rakkoo nageenyaa furuu dandeenya jedhan Komishinar Kaffaaloon.
Ummanni caasaa nageenyaa waliin ta’uun humnoota badii kana irratti karaa gurmaa’een qabsaa’uun nageenya isaa mirkaneessuu akka qabus gaafataniiru.

Tibbeessoo Dheekkamoo fi Milkeessaa Sabbooqaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment