Nageenya Tajaajila Geejjiba Baaburaa eegsisuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)-Waldaan Aksiyoonaa Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutiin Poolisii Kederaalaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltichis Nageenya geejjiba baaburaa eegsisuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Dhaabbilee bu’uuraa biyyattii eeguun Ergama Poolisiin Federaalaa keessaa tokko yoo ta’u xiyyeeffannaa Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutiif kenname hubachuun qajeelcha of danda’e hundeessuun hojii eegumsaa hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Waliigaltichi dhaabbileen lameen humna qaban qindeessuun hojii eegumsaa bu’aa qabeessaa hojjechuuf kan tumsu ta’uun ibsameera.

Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel akka ibsanitti, geejjibni baaburaa Itiyoo-Jibuutii daldala alaa fi keessaa biyyattiif sarara ijoo fi Buufataa Jibuuti waliin kan quunnamsiisu ta’uun xiyyeeffannaa olaanaan kennameera jedhame.

Waliigaltichis walta’iinsaan hojjechuuf kan gargaaru ta’uu eeruun, nageenya tajaajilichaa eegsisuuf teeknooloojiin fayyadamuun hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaan Waldaa Aksiyoonaa Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaan gama isaaniin, Waldaan aksiyoonichaa kufaatii mudateen keessaa ba’uun bu’aa qabeessa akka ta’uu hojjetamaa jiraachuu himan.

Kana milkeessuufis rakkoo nageenyaa olaanaa furuuf waliigalteen taasifamuu ibsanii, waliigaltichis dhaabatichi humna guutuun akka hojjetu taasisa jedhaniiru.

Zaman bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment