Nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Oromiyaa nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa cimisee hojjechaa jiraachuu beeksise.

ABO shanee Uummata nagaa ajjeesaa, saamaa, maasaa isaa jalaa gubaa biyya goolaa jiran barbadeessuuf humna raawwachiisummaa Poolisii Humna Addaa Oromiyaa cimisuun barbachisaa ta’uu ibseera.

Bu’uruma kanaan miseensonni Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Leenjii humna cimsannaa addaa Yuunvarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaatti Wiirtuu Leenjii Loltummaatti fudhachaa turuu beeksiseera.

Miseensonni meeshaa garee addaa addaa leenji’aa turan guyyaa har’aa bakka Itti aanaan Komishinara Komishinii Poolisii Humna Addaa Oromiyaa jeneraal Komishinar Baqqalaa Magarsaa fi Daayreektarri Olaanaan Yuunvarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaa jeneraal Komishinar Kaadhimamaan Dooktaraa Geetaachoo Ittanaa argamanitti eebbifamaniiru.

Qondaaltonni Olaanoon lameen miseensota agarsiisa dhukasaa kana guutummaan guutuutti milkeessan hunda jajjabeessanii dirqama hojii kennanii jiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment