Nageenya naannichaa wareessuuf hojiin hojjetamaa jiru bu’aa fidaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Nageenya wareessuuf hojiin hojjetamaa jiru bu’aa fidaa jiraachuu Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsa, Seeraafi Misooma Namaa naannichaa ibse.

Korichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa qaamolee haqaa, nageenyaafi bulchiinsaa guyyoota lamaaf Adaamaatti qorachaa ture xumureera.

Naannichatti hojiin nageenya waaressuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuu qindoomina qaamolee nageenyaafi tumsa hawaasa bal’aan hojjetamaa jiru jijjiirama fidaa jiraachuu korichi ibseera.

Itti Aantuun Dura Teesssuun Korichaa Aadde Birqinash Zawudee tajaajilli haqaa fooyya’aa dhufuun, manneen hojii duubdeebii Koree Dhaabbiin kennamuuf fudhatanii jijjiirama fidaa jiraachuun dhimmoota akka ciminaatti fudhataman ta’uu ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’is.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment