Nageenya naannichaa itti fufsiisuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufu-Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Nageenyaa naannichatti mul’ataa jiru itti fufsiisuuf hojiileen hojjetamaa jiraan cimanii kan itti fufan ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan.

Manni Maree Nageeyaa Naannoo Hararii dhimmoota haala yeroorraatti mari’ateera.

Waltajjii marii kanan hojiilee nageenya fi tikaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran gamaaggameera.

Naannichi gama nageenyaan, daddabarsa meeshaalee waraanaa, daldala kontiroobaandii, daddabarsa namoota fi bittaa fi gurgurtaa boba’aa seeraan alaa ittisuuf hojiilee hojjetaman ilaalchisee gaabaasni dhiyaatee bal’inaan irratti mari’atameera.

Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii waltajjicharratti akka jedhanitti nageenyaa naannichatti mul’ataa jiru itti fufsiisuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimanii itti fufu.

Shira diinagdee uumuun qaala’iinsi jireenyaa akka babal’atu qaamolee taasisanii fi walitti bu’iinsaa odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasummaan uumaman gama ittisuu fi to’achuutiin hojilee qindaawaan hojjetamuu akka qabu akeekuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Waltajjicharratti hoggantoonni qaamolee nageenyaa naannoo, aanaa fi sadarkaa federaalaa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment