Nageenya Naannawaa Hidha Haaromsaa Guddichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya Naannawaa Hidha Haaromsaa Guddichaa mirkaneessuuf halkaniifi guyyaa dirqama isaa ba’achaa  jiraachuu Ittaanaan Ajajaa Kutaa Waraanaa Mekaanaayidii ibsan.

Raayyichi dirqama gurguddaa fudhachuun Matakkal irraa hanga Hidha Haaromsaa Guddichaatti bobbiisaa cimsuun farra liphee loltummaa gaggeessuun nageenya naannawichaa gootummaan mirkaneessuu ibsaniiru.

Makaanaayizdichi Matakkalitti nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamolee nageenyaa bakkichatti bobba’anii jiran waliin qindoomuun ergama isaa milkaa’inaan ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Yaada bu’uura hin qabne humnoota farreen nageenyaan duubatti osoo hin jedhiin tokkummaa sabdaneessummaa isaanii cimsuun naannawichatti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaatti qophii ta’uu Ittaanaan ajajichaa ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment