Nageenya magaalaa Shaashamannee deebisanii dhaabuu irratti hojiin hojjatame boonsaadha-Obbo Malaakuu

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal nageenyaa fi magaalaa Shaashamannee deebisanii dhaabuu irratti hojiin hojjatame boonsaadha jedhan.

Paartiin badhaadhinaa  waltajjii marii murtoo fi kallattii Yaa’ii 1ffaa irratti kaa’e magaalaa Shaashamanneetti hawaasa waliin mariirra jirurratti kana kan dubbatan.

Kantiibaan magaalaa Shaashamannee obbo Woshoo Kadiir rakkoolee keessaaf alaa gidduu dhaabbachuun, nageenya eeggachaa faayidaa ummataaf hojjataa as geenye jedhan.

Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa magaalaa Shaashamannee obbo Adaanee Taklagoorgis, baay’inni qormaataa imala jijjiirama fiduu kan dhaabu akka hin taanedha kan dubbatan.

Waltajjichirratti obbo Malaakuu Allabal, hogganaan paartii badhaadhinaa damee Naannoo Sabaaf sablammoota fi ummattoota Kibbaa obbo Xilahuun Kabbadee fi Sadarkaa Itti aanaa preezdaantiittii Hoogganaa kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa obbo Abdurrahmaan Abdallaa argamaniiru.

Marii kanaan qaala’iinsa gabaa, nageenyaa, hojii misooma fi sabdaneessummaa ajandaawwan xiyyeeffannooti.

Jibriil Huseenii fi Biqilaa Tufaatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment